際際滷

際際滷Share a Scribd company logo
DHALOOTNII KUN?
Kuulaa Jiloo Xachee tiin
Dhalatan dhalchan;dhalchan bakka of buusan;fakkaataa kee kan dhiiga kee irraa
kalaqame;kan yoo sitti aggatan(aggaaman)rifatu kan yoo si rukutan dhiigu dhallii
kee..kan bakka si buus isuma. Eeyyee dhalatan malee hin dhalchan;dhalchan/dhalan
malees bakka of hin buusan. Garuu,dhalachuun ykn dhaluun qoftii gahaa miti. kan
dhalu/dhalchu dhaluu waan dandauuf qofaa miti kaayyoo qaba. dhaluun galma isa
dhumaa miti dhalachuunis akkasuma yoo fakkaataa fi gaaddisa ofii dhalchan malee yoo
foon ofii fakkaatan malee yoo galma dhalataniif gahan malee.
Kan gaafa gammachuu qofa ililchu,kan ijjii imimmaanii roobsitee onneen gammachuu
facaastu osoo hin tain kan yoo qormaannii duaan boodaas jiraate sii wajjiin qoramu
fakkaattiin kee ;bakka buaan kee gaaddisnii. hin tau taanaan maseenuunis filannoo
tokkoodha. Hundumaafuu dhaloota gaafa jennu sadarkaa garaa garaa qabachuu ni
mala. Tokkoon tokkoon keenya maatii keenyaaf,biyya keenyaaf darbes addunyaafis
dhaloota kan deemsa abbaa guutuu taasisu. Garuu,dhaloonnii haraa dhaloota eessa
ture?dhaloota amma eessa jiru?dhaloota fuulduraaf eessatti deemu? Jibbicha korma
tau haada irratti beekanjetti maanguddoon yoo mammaaktu.kanaan dura cabaaluqoota
garaa garaa irraa kan kae yoo tokko oobjatu innii kaan hin rafneeyyuu taa
oobjachuuf;oobjuunis duddaa fi garaa turte wal hin simtu.yoo kaan dammaqu ammo
kaan ni huursa(kurruufa) hirriibaan boojiamee.garuu,kan akka rafetti hafu reeffa qofa.
Amma garuu haallii ciisichaa waan itti tole hin fakkaatu. Kaa hirribaa dammaqee ofiin
gunguma,innii kaan iddoo ciisichaa jijjiiratee waan iddoo isa jijjiirsise sana yaada
dhiphuu,gadadoo,rakkina: iddootti deebiuufis kan hidhee sun hiika,kaan idduma ciisutti
asii achi gargaggala,kaan of hooqa wahittuu nyaataa jira wahittuu hirriiba dhorke.
Hunduu dhunfaan dhiphata.yaada isaanii walitti ibsachuuf amantii guutuu wal irraa hin
arganne. garuu waan tokkoon wal fakkaatu:gadadoo yaadu furmaata wixinu.yaadnii
isaanii iddoo tokkotti waan nannaaa jiru fakkaata.
Abjuun duddaa fi garaa turte hara yoo tokko abjuun aduu argu innii kaan
baatii(jia)arga.kun kiyya moo kiyyaa miti?,kun ana moo anaa miti?gaaffiileen jedhan
gaaffii xiinsammuu turan amma garuu haa taus haa baatuus gaaffii akkasii kaasuun
qaanii taaa waan dhufe fakkaata. Dhaloonnii kun waan hedduun wal akkeessaa jira:
hidhii wal ilaalaa jira(afaan kam haasaaa jira/ti?),maqaa wal xiinxalaa jira(maqaan
kee Caaltuudhaa?,Boruudhaa? Galmoodhaa?maqaa bareedaa qabda!) ,harka wal ilaalaa
jira(micciiraa,gumee) uffatas akkasuma. kana males yoo dubbatu,yoo barreessuus taee
yoo yaadu handhurtii isaa waan walitti jirtu fakkaatti;walitti jirtis. Dhiiga tokko,fedhii
tokko qabu,madaa tokkotti dhukkuba waan taeef. Kanaafuu,dhalootnii kun jijjiiramaa
jiraa laata???? Yeroof dhiisa!
HORAA BULAA DEEBANAA!

More Related Content

Dhalootnii kun

  • 1. DHALOOTNII KUN? Kuulaa Jiloo Xachee tiin Dhalatan dhalchan;dhalchan bakka of buusan;fakkaataa kee kan dhiiga kee irraa kalaqame;kan yoo sitti aggatan(aggaaman)rifatu kan yoo si rukutan dhiigu dhallii kee..kan bakka si buus isuma. Eeyyee dhalatan malee hin dhalchan;dhalchan/dhalan malees bakka of hin buusan. Garuu,dhalachuun ykn dhaluun qoftii gahaa miti. kan dhalu/dhalchu dhaluu waan dandauuf qofaa miti kaayyoo qaba. dhaluun galma isa dhumaa miti dhalachuunis akkasuma yoo fakkaataa fi gaaddisa ofii dhalchan malee yoo foon ofii fakkaatan malee yoo galma dhalataniif gahan malee. Kan gaafa gammachuu qofa ililchu,kan ijjii imimmaanii roobsitee onneen gammachuu facaastu osoo hin tain kan yoo qormaannii duaan boodaas jiraate sii wajjiin qoramu fakkaattiin kee ;bakka buaan kee gaaddisnii. hin tau taanaan maseenuunis filannoo tokkoodha. Hundumaafuu dhaloota gaafa jennu sadarkaa garaa garaa qabachuu ni mala. Tokkoon tokkoon keenya maatii keenyaaf,biyya keenyaaf darbes addunyaafis dhaloota kan deemsa abbaa guutuu taasisu. Garuu,dhaloonnii haraa dhaloota eessa ture?dhaloota amma eessa jiru?dhaloota fuulduraaf eessatti deemu? Jibbicha korma tau haada irratti beekanjetti maanguddoon yoo mammaaktu.kanaan dura cabaaluqoota garaa garaa irraa kan kae yoo tokko oobjatu innii kaan hin rafneeyyuu taa oobjachuuf;oobjuunis duddaa fi garaa turte wal hin simtu.yoo kaan dammaqu ammo kaan ni huursa(kurruufa) hirriibaan boojiamee.garuu,kan akka rafetti hafu reeffa qofa.
  • 2. Amma garuu haallii ciisichaa waan itti tole hin fakkaatu. Kaa hirribaa dammaqee ofiin gunguma,innii kaan iddoo ciisichaa jijjiiratee waan iddoo isa jijjiirsise sana yaada dhiphuu,gadadoo,rakkina: iddootti deebiuufis kan hidhee sun hiika,kaan idduma ciisutti asii achi gargaggala,kaan of hooqa wahittuu nyaataa jira wahittuu hirriiba dhorke. Hunduu dhunfaan dhiphata.yaada isaanii walitti ibsachuuf amantii guutuu wal irraa hin arganne. garuu waan tokkoon wal fakkaatu:gadadoo yaadu furmaata wixinu.yaadnii isaanii iddoo tokkotti waan nannaaa jiru fakkaata. Abjuun duddaa fi garaa turte hara yoo tokko abjuun aduu argu innii kaan baatii(jia)arga.kun kiyya moo kiyyaa miti?,kun ana moo anaa miti?gaaffiileen jedhan gaaffii xiinsammuu turan amma garuu haa taus haa baatuus gaaffii akkasii kaasuun qaanii taaa waan dhufe fakkaata. Dhaloonnii kun waan hedduun wal akkeessaa jira: hidhii wal ilaalaa jira(afaan kam haasaaa jira/ti?),maqaa wal xiinxalaa jira(maqaan kee Caaltuudhaa?,Boruudhaa? Galmoodhaa?maqaa bareedaa qabda!) ,harka wal ilaalaa jira(micciiraa,gumee) uffatas akkasuma. kana males yoo dubbatu,yoo barreessuus taee yoo yaadu handhurtii isaa waan walitti jirtu fakkaatti;walitti jirtis. Dhiiga tokko,fedhii tokko qabu,madaa tokkotti dhukkuba waan taeef. Kanaafuu,dhalootnii kun jijjiiramaa jiraa laata???? Yeroof dhiisa! HORAA BULAA DEEBANAA!