際際滷

際際滷Share a Scribd company logo
Seerota Investimentii Fi Sirna Wal-dhabdeen Ittiin Hiikkamu.
Qopheessaan : Xaafaa Dachaasaa
Onkololleessa, 2014
ILQSO,
Adaamaa
Qabiyyee Leenjichaa
 Seensa Waliigalaa
 Maalummaa Invastimentii
 Gosoota Invastimentii
 Seenaa dhufaatii Invastimentii
 Seerota Invastimentii Biyya Keenyaa:
 Sadarkaa Mootummaa Federaalaatti
 Sadarkaa Mootummaa Naannootti
 Sirna wal-dhabdeen Invastimentii ittiin hiikamuu fi
 Aangoo Mana Murtii
Maalummaa Invastimentii
Invastimentii jechuun maali?
Garaagarummaan jecha Daldala jedhu waliin qabu hoo jiraa?
Investing and trading are very different approaches of wealth
creation or generating profits.
5 key differences between investing and trading.
Yeroo
Guddina kaappitaalaa fi
Sodaa
 Imagine, today, you and your friend bought equal amount of seeds to sow in
your fields but you sold them to someone in a day because you could earn
profit. And your friend sowed the seeds and let them grow for a few years till
they gave new seeds.
 He sowed the new seeds and continued this for years and sold a lot more seeds
eventually than were bought. By investing his seeds he would have made
profit quite different than what you made by trading your seeds. This is
simply the difference in investing and trading.
 Jechi Invastimentii jedhu hiikkoo qaamonni hundi irratti waliigalan
hin qabu.
 Qaamotni adda addaa kayyoo galma gahuu barbaadan irraa kauun
hiikkoo garagaraa ni kennuufi.
Investment is commitment of funds made in the
expectation of some positive rate of return(Fisher fi Jordan).
 Gama biraatiin, hiikkoo Labsii invastimantii federaalaa lakk.1180/2012 jalatti
kenname yoo ilaalle;-
 Investment means expenditure of capital in cash or in kind or in both by
an investor to establish a new enterprise, or to acquire, in whole or in part,
or to expand or upgrade an existing enterprisejechuun ibseera.
 Sadarkaa MNOtti labsiin Investimentii lakk.138/2000 bahee hojii irra jiru
investamantiidhaaf hiikkoo hin kennine.
 Haa tau malee, labsii kana raawwachiisuuf dambiin bahe hiikkoo
armaan gadii kenneera.
Investimentii jechuun baasii kaappitaalaa maallaqaan ykn gosaan ykn
lamaaninuu pirojektii hojii haaraa tokko gaggeessuuf ykn kan jiru
babalisuuf ykn ol guddisuuf investaraan taasifamu akka tae ni kaaa.
 Bifuma wal-fakkaatuun, dambichi jecha Kaappitaala jedhuuf
hiikkoo kenneera.
 Buuura kanaan, Kaappitaala jechuun:-
 maallaqa biyya keessaa ykn maallaqa biyya alaa,
 sanada daddarbaa,
 meeshaalee oomishaa ykn meeshaalee tajaajilaaf oolu,
 gamoo, baajata hojii adeemsiftuu, mirga qabeenyaa, mirga kalaqaa
ykn qabeenya daldalaa biroo hammachuu dandaa.
Gosoota Invastimentii
 Madda kaappitaala irratti hundaauun invastimentiin bakka
lamatti qoodama. Kunis,
1. Invastimentii kallatiin biyya alaa (foreign direct investment) fi
2. Invastimentii biyya keessaa (domestic investment)
Invastimentii kallatiin biyya alaa (foreign direct investment)
 Fayidaa Invastimentiin kallatii biyya alaa :-
guddina diinagdee ni ariifachiisa,
qabeenyi uumama biyyattii sirnaan akka hojii irra oolu ni taasisa,
oomishtummaa dabaluudhaan gabaa biyya keessaa ni babalisa,
sharafa biyya alaa argamsiisuu fi carraa hojii uumuu,
beekumsaa tekinoloojii ammayyaa dabarsuu keessatti iddoo guddaa qaba.
Invastimentii biyya keessaa (Domestic Investment)
 Faayidaa invastimentii biyya keessaa;
Kaappitaala ykn buaa argamu invastarootni biyya alaa gara biyya
isaanii fudhatanii deemuu dandaan hambisuuf ykn hirisuuf gaee
guddaa taphachuun kaappitaalli ykn buaan argame faayidaa
biyyaatiif akka oolu ni taasisa.
Seenaa dhufaatii Invastimentii Itiyoophiyaatti
 Bara Mootummaa H/Sillaasee invastimentii dhuunfaa jajjabeessuuf
tarkaanfiiwwan adda addaa kan fudhataman yammuu tau, isaan
keessaas seerotni invastimentii, invastaroota dhuunfaa jajjabeessan
akka qophaaan taee ture.
 Seerota kana keessaa labsii lakk 242/1958 akka fakkeenyaatti tuquun ni
dandaama.
 Kaayyoowwan invastimentii ilaalchisee labsii kana keessatti tumaman
keessaa inni guddaan kaappitaala biyyoolessa uumuu fi invastaroota
biyya alaa harkisuu dha.
 Buuura labsii kanaatiin abbootiin qabeenyaa hundumtuu gosa
invastimentii kamiyyuu irratti bobbauu ni dandau.
 Gosti invastimentii abbootiin qabeenyaa akka irratti hin hirmaanne
daangeffame hin jiru.
 Taaksii biyya keessaa fi alaa irra bilisa tauu dabalatee
onnachiiftuuwwan gaarii taan adda addaa labsii kana keessatti kan
tumaman yammuu tau, abbootiin qabeenyaa biyya alaa lafa
invastimentii argachuudhaaf mirga qabu turan.
 Invastarootni dhunfaadhaan hojii invastimentii irratti bobbaan yoo
jiraatanillee irra caalaan isaanii invastaroota biyya alaa turani.
 Invasstarotni dhuunfaa biyya keessaa gaheen isaan invastimentii
keessatti qaban gadi-aanaa akka tau sababootni adda addaa kan jiran
yammuu tau, aadaa hojii mataa ofii uumanii hojjachuu dhabuunii fi
hanqinni kaappitaalaa isaan gurguddoo dha.
 Kun immoo karaa biraatiin invastimentiin biyyattitti gaggeeffamaa ture
madda maallaqaa biyyoota alaa irratti kan hundaae akka tau taasisaa
tureera.
 Bara Mootummaa Dargii Sochiin invastimentii jajjabeessu dudduubatti yeroo itti
deebie ture.
 Keessumattuu, invastimentii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin jalqabamanii turan
sababa jijjiirama siyaasaa fi diinagdee biyyatiitti gaggeeffameen akka buuuran
rinciccee hafu yeroo itti taasisame dha.
 Mootummaan dargii ilaalcha siyaasaa sooshaalizimii biyyattiitti akka diriiru
taasisuun gaee lammiiwwan biyyatti dhuunfadhaan guddina diinagdee biyyattii
keessatti taasisan akka laafuu fi duubatti deebiu taasiseera.
 Guddinni diinagdee fi siyaasa biyyatti qajeeltoowwan yaada buuuraa
sooshaalizimii qofaan akka gaggeeffamu waan taeef, dhaabbileen
dhuunfaa gara qabeenya mootummaatti akka jijjiiraman taasiseera.
 Fooyyaiinsi diinagdee gabaa bilisaa hanga tokko bara dhuma
mootummaa dargii kan taasisame yammuu tau, gatii fi gabaan
oomishaalee qonnaa haala bilisa taeen akka gaggeeffamu taee ture.
 Kufaatii mootummaa dargii booda gaheen mootummaan diinagdee
keessatti qabu dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo irratti kan
xiyyeeffatee fi gaheen abbootii qabeenyaa dhunfaa guddina diinagdee
biyyatti keessatti qaban akka babalatu haallawwan mijaaaan yeroo itti
uumamani dha.
 Haaluma Kanaan, imaamata diinagdee biyyattii irratti akkuma
ibsametti gaeen mootummaan diinagdee keessatti qabu kanneen
armaan gadii tauu ni kaaa.
Guddina diinagdee biyyatti ariifachiisuu fi hawaasa biyyattiis itti
fayyadamaa taasisuuf kallittiwwan guddinaa kaauu;
Seektaroota Mootummaan yoo gaggeeffaman caalmaatti buaa
buusanii fi kaappittala dhuunfaatiin kanneen hin gaggeeffamne
qofa irratti hirmaachuu;
Hojii gabaa tasgabeessuu raawwachuu;
Kaappittalli dhuunfaan akka cimu haala mijeessuu;
Uummatni biyyatti wal-taiinsaan sochii diinagdee keessatti akka
hirmaatu taasisuu;
 Kaappitaalli biyya keessaas tae biyya alaa daangaa malee diinagdee
biyyattii keessatti akka sochou haala mijeessuu;
 Sirna hojii walxaxaa dhabamsiisuun kanaafis seeroota haaraa
baasuu fi kan jiran fooyyessuu;
Kaappitaala dhuunfaa keessatti kaappitaalli biyya keessaa haala
dursa itti argatu uumuun sirna onnachachiiftuu adda addaa
diriirsuu;
 Kaappitaalli biyya alaas haala gahumsa qabuun diinagdee keessatti
akka sochou taasisuu;
 Waldaaleen adda addaa dhiibbbaa mootummaa irraa bilisa tauun
akka gurmaaan haala mijeessuu fi k.k.f.
Seerota Invastimentii Federaalaa
 Seerotni dhimma invastamantii bulchaan sadarkaa federaalaattis taee
sadarkaa naannootti yeroodhaa yerootti fooyyaaa kan turan yoo tau,
seerri yeroo ammaa sadarkaa federaalatti hojii irra jiru labsii
lakk.1180/2012. kana malees, labsii kana raawwachiisuuf dambiin
lakk.474/2012 hojiirra oolee jira.
Kayyoo labsichaa
 Invastimantii keessatti hirmaannaa seektara dhuunfaa dabaluun guddina
diinagdee ariifachiisuu;
 Oomisha biyyaa keessa dabaluun sadarkaa jireenyaa uummataa
foyyeessuu;
 Diinagdee biyyaa sadarkaa addunyaatti dorgamaa gochuun al-ergee
dabaluu;
 Carraa hojii balaa tae uumuu; fi k.k.f.
Hiikkoo jechoota keessatti
 Invastimentii:- jechuun baasii kaappitaalaa maallaqaan ykn gosaan ykn
lamaaninuu pirojektii hojii haaraa tokko gaggeessuuf ykn kan jiru
babalisuuf ykn ol guddisuuf investaraan taasifamu jechuudha.
 Kaappitaala:- jechuun maallaqa biyya keessaa ykn maallaqa biyya alaa,
sanada daddarbaa, meeshaalee oomishaa ykn meeshaalee tajaajilaaf oolu,
gamoo, baajata hojii adeemsiftuu, mirga qabeenyaa, mirga kalaqaa ykn
qabeenya daldalaa biroo kan hammatu jechuudha.
 Investara jechuun investara biyya keessaa ykn biyya alaa
kan hojii Investimentii irratti bobbae jechuudha.
 Investara biyya keessaa:-
 Lammii Itiyoophiyaa
 Dhaabbata Itiyoophiyaa keessatti hundeeffamee fi guutumaa guututti
kan abbaa qabeenyummaan isaa kan lammii Itiyoophiyaa tae,
 Mootummaa
 Dhabbilee misooma mootummaa
 Waldaalee hojii gamtaa buuura seera rogummaa qabuutiin
hundeeffamaan
 Lammii ykn Dhaabbata biyya ormaa taee, buuura seera rogummaa
qabu ykn waliigaltee Idil-Adunyaa biyyi keenya raggaasifteetiin akka
investara biyya keessatti kan lakkaaamu.
 Investara biyya Alaa:-
 Lammii biyya alaa
 Dhaabbata lammiin biyya alaa qooda keessaa qabu
 Dhaabbata biyya biraatti hundeeffame
 Lammii Itiyoophiyaa taee dhaabbidhaan biyya alaa kan jiraatu fi
fedhii isaatiin akka investara biyya alaatti lakkaaamuu kan barbaadu
Daangaa raawwatiinsaa
 Labsichi hojiilee invastimantii biyya keessatti adeemsifamu
kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata.
 Haa tau malee, invastimantii hojii barbaacha, qorannoo fi
oomisha albuudotaa fi bobaaa ilaachisee labsichi
raawwatiinsa hin qabu.
Qaamolee Bulchiinsa Invastimantii
 Qaamoleen Bulchiinsi Investimentii Federaalaa kanneen armaan gadiiti:-
 Boordii Investimentii;
 Komishinii Investimentii;
 Gumii bulchiinsa Investimentii mootummaa Federaalaa fi Naannolee fi
 Qaamolee bulchiinsa Investimentii sadarkaa Naannoleetti
hundeeffamaan;
Aangoo Bulchiinsa Komishinii Investimentii Federaalaa
 Komishinii Investimentii Federaalaa invastimantoota armaan gadii irraatti
aangoo ni qabaata(kwt.4). Isaanis Investimantii;-
Abbaan qabeenyummaa isaa guutumaa guututti kan lammii biyya alaa tae;
Abbaan qabeenyummaa isaa kan lammii biyya keessaa fi biyya alaa tae;
Kan abbaan qabeenyummaa isaa lammii biyya alaa taee garuu immoo seera
rogummaa qabu akka investimantii biyya keessatti lakkaaamu;
Investimantii biyya keessaa kan onnachiiftuu qabu taee, eyyama daldalaa
qaama federaalaa irraa argachuu qabu;
 Gama biraatiin, hojiiwwaan invastimantii:-
 daandii qilleensaa,
 humna ibsaa fi
 tajaajila kominikeeshiniin wal-qabataan irratti aangoo bulchuu kan qaban;
 abbaa taayitaa Aveeshinii Itiyoophiyaa,
 abbaa tayitaa Inarjii fi
 abbaa tayitaa kominikeeshinii Itiyoophiyaati.
 Qamoleen bulchiinsa invastimantii naannolee dhimmoota armaan olitti
ibsamaniin ala kan jiran irratti aangoo kan qaban tauu tumameera (kwt.4/4).
Gosoota Dhaabbilee Daldalaa Investimantii Keessatti Hirmaachuu
Dandaaan.
 Qaamoleen armaan gadii invastimantii keessatti hirmaachuu kan
dandaaan tauu labsichi kwt.8 jalatti tumameera.
 Daldalaa nama dhuunfaa
 Dhabbilee daldalaa biyya keessatti ykn biyya alaatti hundeefamaan
 Dhaabbilee misooma mootummaa
 Waldaalee hojii gamtaa
Hayyama Investimentii Yeroof Dhoorkuu Ykn Haquu
 Sababoota hayyama Investimentii yeroof dhoorkisiisuu dandaan:-
Odeeffannoo sirrii tae yeroon gabaasuu dhabu ykn tae jedhee itti yaaduun
ykn dagannoodhaan odeeffannoo dogoggoraa kennuu;
Hayyamni investimentii waliin dhahuun ykn odeeffannoo sobaa dhiyeessuun
akka kennamuuf ykn akka haaromsiifamuuf gochuu;
Hayyama investimentii kayyoo kennameef ala fayyadamuu;
Projektii Investimentii yeroo seeraan taae keessatti xumuruu dhabuu; fi kkf.
 Dhoorkiin haala Kanaan kenname investarichi hanqinaalee kanneen akka
sirreeffatuuf yeroon turtii wagga 1 kennamuufii qaba.
 Gama biraatiin, hayyamni investimantii kan haqamu;-
Hanqinoota mudataan yeroo dhoorkaan kennameef keessatti kan hin
sirreeffanne yoo tae;
Investarichi yeroo seeraan taee keessatti hojii kan hin eegalle yoo tae;
Hojii invastimantii fedhii isaatiin kan dhiise yoo tae;
Onnachiiftuwwan investimantii kennamaniif haala hin malleen kan
itti fayyadame ykn garee sadaffaadhaaf kan dabarse yoo tae,
Qaamolee Bulchiinsa Investimentii
 Bulchiinsi Investimentii Naannoo Oromiyaa gurmaaina armaan gadii
ni qabaata:
1) Boordii Investimentii;
2) Komishinii;
3) Koree Investimentii Godinaa;
4) Koree Investimentii Magaalaa
5) Koree Investimentii Aanaa;
 Hojiin pirojeektii investimentii naannicha keessatti gaggeeffamu;
bifa nama dhuunfaan
Waldaa daldalaa;
Waldaa Hojii Gamtaa;
Dhaabbata Misoomaa Mootummaa;
Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa gara investimentiitti ceeen
Sirna Komiin Tajaajila Investimantii Ittiin Keessummeeffamu
 Abbaan qabeenyaa kamiyyuu hojii investimantii isaa waliin wal-
qabatee komii yoo qabaate qaama aangoo qabuuf iyyata isaa
dhiyeeffachuuf mirga ni qaba.
 Namni kamiyyuu murtii dhumaa bulchiinsaa komishiinii
investimantiitiin kenname irratti komii qabu iyyannoo isaa Boordii
Investimantiitiif dhiyeessuuf mirga ni qaba.
 Hojii invastimantiitiin wal-qabatee, abbaan qabeenyaa murtii dhumaa
qaama raawwachiistuu mootummaa federaalaa kamiiniyyuu kenname
irratti komii yoo qabaate, iyyannoo isaa Komishiinii Invastimantii
Federaalatiif dhiyeessuu ni dandaa.
 Buuura komii dhiyaateetiin komishiinii invastimantii Federaalaa
qaama mootummaa komiin irratti dhiyaate waliin marii barbaachisaa
gochuun furmaata kennuufii kan qabu tauu ni kaaa. (kwt. 27/4/)/.
 Yaada furmaataa komishiinichi dhiyeessetti kan hin quufne yoo tae
ykn qaamni raawwachiistuun komiin irratti dhiyaate yaada furmaataa
komishiinichaan dhiyaateef kan hin fudhanne yoo tae komii isaa
Boordii Investimantii Federaalatitti dhiyeeffachuu ni dandaa.
 Qaamni mootummaa Federalaa kamiyyuu murti Boordichaan kenname
fudhatee akkaataa murtiitiin raawwachuuf dirqama qaba.(kwt.27/9/)
Sirna Wal-dhabdeen Investimantii ittiin Hiikkaamuu fi Aangoo Mana
Murtii
 Qaama aangoo abbaa seerummaa qabu biratti dhiyaachuun mirga haqa argachuu
kan qabu tauu akkuma eegametti taee, hojii investimantiitiin wal-qabatee wal-
dhabdeen investaraa fi mootummaa gidduu kau kamiyyuu marii fi wal-tainsaan
kan hiikkatu taa.(kewt.28/1)
 Mootummaan federaalaa wal-dhabdee investimantii biyyaa alaa waliin wal-qabatu
ilaalchisee jaarsummaadhaan(arbitration) akka ilaalaamu waliigaltee raawwachuu
ni dandaa.
 Investarri biyya alaa dhimma isaa gara MM aangoo qabu ykn gara
jaarsummaa(arbitration) yoo fudhate, filannoon isaa kan jalqabaa kan dhumaa taa.
Oromiyaa Keessatti Sirna Wal-dhabdeen Invastimentii Ittiin Hiikkamu
 Invastaroota biyya keessaas tae biyya alaa Itoophiyaatti hojii
invastimentii irratti bobbaan keessaa gaeen naannichaa olaanaa dha.
 Carraa invastimentii naannichatti argamuu fi hirmaannaa balaa
invastarootni naannichatti taasisanuun wal-qabatee wal-dhabiiinsi
invastimentii abbootii qabeenyaa fi koomishinii invastimentii
naannichaa, akkasumas koreewwan invastimentii sadarkaan jiran
jidduutti ni uumama.
 Koomishinii Invastimentii naannichaa fi abbootii qabeenyaa jidduutti
waldhabiinsi adda addaa yeroo hedduu ni uumamu
 Wal-dhabiinsa kanaaf akka kaumsaatti sababootni taaan:-
yeroo walii-galame keessatti hojii jalqabuu dhiisuu,
kaayyoo pirojektii investimentii hayyamameen ala hojjachuunii fi
lafa invastimentiidhaaf kenname seeraan ala qaama biraatti dabarsuun
isaan gurguddoo dha.
 Invastarootaa fi hawaasa naannoo jidduuttis darbee darbee wal-
dhabiinsi kan uumamu dandaa.
 Wal dhabiinsa kanaaf akka sababaatti kanneen tuqaman keessaa lafa
invastimentiidhaaf akka oolu qaama dhimmi ilaaluun murtaae
namootni laficha irra jiraatan sababoota adda addaa tuquun gadi
lakkisuu diduu fi gochaalee yakkaa adda addaa invastarootaa fi
qabeenya isaanii irratti rawwachuu dha.
 Abbootiin qabeenyaa waliin tauun hojii invastimentii irratti bobbaan
jidduuttis waldhabiinsi darbee darbee ni uumama.
 Waldhabiinsa kanaafis akka sababaatti kan tuqamu abbootiin
qabeenyaa biyya keessaa hojii invastimentiif lafa erga fudhatanii booda
abbootii qabeenyaa biyya alaa waliin hojjachuuf walii-galuun,
porojektichi osoo hojii hin jalqabin qooda isaanii fudhachuun bahuuf
gaaffiin dhiyeessan abbootii qabeenyaa isaan kaaniin fudhatama
dhabuun isa tokko dha.
 Waldhabiinsa invastimeenti ilaalchisee kau hiikuuf tooftaaleen adda
addaa kan jiran yammuu tau abbootii qabeenyaa fi koomishinicha
jidduutti wal dhabiinsa uumame yoo tae waliigaltee taasisame buuura
godhachuun marii taasisuun waldhabiinsa uumame hiikuun fiannoo
jalqabaati.
 Marii gaggeeffamuun kan walii hin galle yoo taee qaamoolee bulchiinsa
invastimentii naannichaa sadarkaa sadarkaa jiraniin furmaatni kan
kennamu taa.
 Wal-dhabdee dhimma investimantiin wal-qabatee dhiyaatu irratti murtii
dhumaa kennuuf aangoo kan qabu Boordiin invastimentii naannichaa
tauu labsii lakk.138/2000 kewt.6(5) jalatti tumameera.
 Gama biraatiin, buuura Dambii Bulchiinsa Investimentii Lakk. 208/2012
kewt. 59(1) tiin namni diigamiinsa ykn addaan citiinsa waliigaltee
investimentiin ykn haqamuu hayyama investimentiin walqabatee murtii
Boordiin kenne irratti dogongoorri buuura seeraa raawwatame jedhu
iyyata isaa Dhaddacha Ijibbaataa MMWO dhiyeeffachuu ni dandaa.
Dhimma
 Jal-murtii dhimma galmee lakk.15544 tae irratti MMO Godina Gujiitiin kenname tokko
irratti himataan himatamtoota Waajjira Bulchiinsa, Waajjira Bulchiinsa Fi Itti Fayyadama
Lafaa fi Waajjira Investimentii Aanaa fi namoota dhuunfaa biro saddeeta taan irratti bakka
tokkotti himannaa dhiyeesseen himatamtoonni 1ffaa hanga 3ffaa jiran afferraa
investimantii naaf taasisaniin lafa heektaara 54 tae kaazinaa mootummaa keessa jiru naaf
hayyamamuun lakk.kaartaa 027230 tae naaf kennameera.
 Himatamtoonni 1ffaa hanga 3ffaa jiran hayyamni investimentii murtaaee hanga deebiuu
waggaa afur waan turuu dandauuf karaa km 14 hojjachiisii, Ciraa lafaa cirii buna dhaabii,
akkasumas manaa fi waajjira adda addaa jalqabi jechuun waan naaf hayyamanii anis
buuuruma kanaan qarshii 2,811,00.00 ergan itti baasee booda, himatamtoonni kun waggaa
lamaan booda seeraan ala kennamee jechuun na jalaa waan haqaniif ragaan haqame sirri
miti jedhamee bakka jalqabaatti akka deebiuu jechuun gaafateera.
 Himatamtoonni mormii sadarkaa duraa dhiyeessaniin komiin fi falmiin investimentii ilaalchisee kau
Boordii Investimentiin ilaallamee murtiin kennamu kan dhumaa akka tau tumamee waan jiruuf, himataan
caasaa mootummaan diriirseen komii isaa dhiheeffachuu osoo qabuu qaama dhimmicha irratti aangoo hin
qabnee Mana Murtii Idileetiif dhiheessuun isaa sirri miti jedhaniiru.
 Manni Murtichaa xiinxala isaa keessatti himataan lafa bunaa investimentiif ooluu akka kennamuuf
Deeskii Investimentii Aanaaf dhiyeessee, Deeskiin kuniis gaaffii investimentii isaa koree
Investimentii Aannichaaf dhiyeessee lafti heektaara 52 kan qophaaeef waan taeef qaamni dhimmi
ilaalu murtii akka itti kennuuf akka ergamuuf waliigalanii, himatamaan 1ffaa gaaffii investimentii
himataan dhiyeessee Waajjira Investimentii Godiniif erganii adeemsa irra kan jiru fi gaaffiin
investimentii himataa boordii investimentiif dhiyaatee kan hin murtaaiin akkasumaas himataan
waliigaltee investimentiis kan hin mallatteessinee waan taeef seerummaan himataan gaafatee
diigamiinsa waliigaltee investimentiin waliin kan wal-qabatuu miti jechuun mormii sadarkaa duraa
kae kufaa godheera.
Dhimma
 Dhimmi kun DH.IJ. MMWF galmee lakk.92991 taerratti ilaalamee murtii kan argate
yoo tau, kauumsi dhimmichaa himata iyyataan MMO Godina Arsiitti dhiyeeesseen
qabiyyee lafa investimantii liiziidhaan argatee biqiltuu adda addaa irratti
misoomsaa ture akka gadi dhiisu koreen investimantii Godina Arsii waan taasiseef
tarkaanfii bulchiinsi goodinachaa fudhate seeran ala jechuun himata kallatti mana
murti olaanaatiif dhiyeesseera.
 Himannaan haala kanaan dhiyaate irratti MMO Gidana Arsii dhimmichi dhimma
investimantii waan taeef angoo koree investimantii sadarkaa jiruuti malee manni
murtii aangoo ofitti fudhee ilaaluu hin qabu jechuun himannaa dhiyaate kufaa
godheera.
Himataan murtii kana komachuun MMWO tiif kan dhiyeesse yoo tau, manni
mirtichaa murtii mana murtii jalaa cimseera.Haala walfakaatuun iyyata isaa
MMWO Dhaddacha Ijibbaataf kan dhiyeesse yoo tau murtiin manneen murti
jalaa akka cimu taeera.
Dhuma irratti iyyatichi MMWF Dhaddacha Ijibbaatatiif kan dhiyeesse yoo tau,
manni murtichaa labsii investimantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo
Oromiyaa yeroo sana hojii irra ture labsii lakk.115/1998 buuurefachuun labsichi
kewt.9(4) jalatti dhimma investimantii ilaalchisee komii dhiyaatu irratti
beenyaan natti xiqqaate ykn naaf hin kennamne, ykn dogoggorri buuura seeraa
raawwatameera kan jedhu yoo tae malee, murti dhumaa kennuuf aangoo kan
qabu boordii investimantii ti jechuun murtii MM jalaa kennaan cimseera.
Wal-dhabiinsa Invastimentii Wal-qabatee Kauu Fi Gaee
Qaamolee Haqaa
 Gahee Manneen Murtii
 Akkuma beekamu Manneen murtii qaamolee mootummaa keessaa
qaama seera hiikuuf aangoo qabani dha.
 HMRDFI kewt. 79(1) fi HMNO fooyyaee bahe Lakk 46(1994)
keewwata 63(1) jalatti qaamni aangoo abbaa seerummaa qabu
manneen murtii qofa tauu isaa ibsamee jira.
 Manneen Murtiis aangoo abbaa seerummaa heera mootummaatiin
keennameef irratti hundaauun waldhabiinsa gara isaaniitti dhiyaatu
seeraa fi seera qofa irratti hundaauun loogii tokko malee murtii haqa
qabeessa akka kennan kan hundeeffamanii dha.
 Aangoo fi dirqama Manneen murtii qaban kana irraa kauun
invastimentii jajjabeessuu keessatti gaheen isaan qaban olaanadha.
 Wal-dhabdeewwan invastimentiin waliin wal-qabatee uumaman
tooftaalee adda addatiin furmaata kan argatan yammu tau, kanneen
keessaas dhimmichi karaa Manneen Murtiitiin furmaata akka argatan
taasisuun isa tokko dha.
 Labsii lakk 138/2000 keewwata 6(5) jalatti akkaataa tumameen dogoggora
seeraa buuuraa yoo tae malee dhimma invastimentii ilaalchisee Murtii
dhumaa kennuuf aangoo kan qabu Boordii Invastimentii naannichaa ti.
 Haa tau malee, qabatamaadhaan akka jirutti darbee darbee Manneen Murtii
tokko tokko wal dhabiinsa invastimentii ilaalchisee isaanitti dhiyaatu kan
keessumeessan yammuu tau, Manneen Murtii tokko tokko immoo dhimmichi
aangoo Manneen Murtii miti jechuun haalli isaan itti deebisan ni mulata.
 Dhimmoota invastimentii Manneen Murtiin ilaalaman akka fakkeenyaatti
kanneen armaan gadii tuquun ni dandaama.
 Lakk. Galmee 53628n falmii siviilii Innat Agroo Industrii fi
Koomishinii Invastimentii Oromiyaa jidduutti kaeen himataan (Innat
AgrooIndustrii) himatamaan (Koomishinii Invastimentii Oromiyaa) lafa
invastimentiidhaaf kenname heektaara 200 keessaa hektaara 100 seeraan
ala narraa fudhate jechuun himata MMO godina Shawaa Bahaatti
dhiyeesse MMWOtiis oliyyannoodhaan ofitti fuudhee ilaalee murti
kenneera.
 Haaluma wal-fakkatuun, lakk Galmee 14574n Barah Hullagaabbi
Gibirinnaa Limaat fi Koomishinii Invastimentii Oromiyaa jidduutti
falmii Siviilii kaeen himataan (Barah Hallagabbi Gibiriinnaa Limaat)
himatamaan (K/I/O) lafa invastimentiif naaf kenname seeraan ala akkan
gadilakkisu naa taasise jechuun Mana Murtii aanaa Barahitti himata
dhiyeessee M/M/Olaanaa GodinaSh/Kaabaa oliyyannoon ilaalee murtii
kenneera.
 Gama biraatiin lakk Galmee 13989n falmii siviilii Dhaabbata Z.H.PLC fi
K/I/O jidduutti kaeen, himataan (Dhaabbatni Z.H.PLC), himatamaan
(K.I.O) lafa invastimentiif naaf kenne seeraan ala narraa fudhate jechuun
Mana Murtii aanaa Aqaaqiitti himata dhiyeessee kan isaaf murtaae
yammuu tau himatamaan (Koomishiniin Invastimentii Oromiyaa)
dhimmicha oliyyannoodhaan M/M/olaanaatti dhiyeessee Manni
Murtichaa doggogora seeraa buuura (error of law) kan qabu yoo tae malee
dhimmi invastimentii aangoo Mana Murtii miti jechuun murtii Manni
Murtii jalaa kenne diigee jira.
 Haaluma kanaan murtiiwwan armaan olitti invastimentiin ilaalchisee
kennaman irraa hubachuun akka dandaamutti Manneen Murtii biratti
ijjennoo wal-fakkaataan kan hin jirre tauu isaa ti.
 Kanaafuu, Manneen Murtii seerota invastimentii akka biyyaattis tae
akka naannoo Oromiyaatti hojii irra jiran hubachuun akkaataa seerota
jiraniitiin tajajila haqaa kennuun invastimentii babalisuu keessatti
gaee isaanii irraa eegamu bahuu qabu.
Gaaffiiwwan Marii
Akkaataa Labsii Lakk 138/2000 keewwata 6(5) jalatti tumameen dhiimma
invastimentii ilaalchisee koomoshinii Invastimentii Naannoo Oromiyaa
fi qaamolee sochii invastimentii keessatti gaee qabaniin murtii kennamu
irratti oliyyannoon kan dhiyatu yoo tae murtiin Boordii invastimentii
naannichaa kennu murti dhumaa taa. Kana jechuun dhimmi
invastimentii gonkumaa Mana Murtiitti hindhiyaatu jechuu dha?
H
o
r
a
a
B
u
l
a
a
!
!
!

More Related Content

investment law training in power point ppt

  • 1. Seerota Investimentii Fi Sirna Wal-dhabdeen Ittiin Hiikkamu. Qopheessaan : Xaafaa Dachaasaa Onkololleessa, 2014 ILQSO, Adaamaa
  • 2. Qabiyyee Leenjichaa Seensa Waliigalaa Maalummaa Invastimentii Gosoota Invastimentii Seenaa dhufaatii Invastimentii Seerota Invastimentii Biyya Keenyaa: Sadarkaa Mootummaa Federaalaatti Sadarkaa Mootummaa Naannootti Sirna wal-dhabdeen Invastimentii ittiin hiikamuu fi Aangoo Mana Murtii
  • 3. Maalummaa Invastimentii Invastimentii jechuun maali? Garaagarummaan jecha Daldala jedhu waliin qabu hoo jiraa? Investing and trading are very different approaches of wealth creation or generating profits. 5 key differences between investing and trading. Yeroo Guddina kaappitaalaa fi Sodaa
  • 4. Imagine, today, you and your friend bought equal amount of seeds to sow in your fields but you sold them to someone in a day because you could earn profit. And your friend sowed the seeds and let them grow for a few years till they gave new seeds. He sowed the new seeds and continued this for years and sold a lot more seeds eventually than were bought. By investing his seeds he would have made profit quite different than what you made by trading your seeds. This is simply the difference in investing and trading.
  • 5. Jechi Invastimentii jedhu hiikkoo qaamonni hundi irratti waliigalan hin qabu. Qaamotni adda addaa kayyoo galma gahuu barbaadan irraa kauun hiikkoo garagaraa ni kennuufi. Investment is commitment of funds made in the expectation of some positive rate of return(Fisher fi Jordan).
  • 6. Gama biraatiin, hiikkoo Labsii invastimantii federaalaa lakk.1180/2012 jalatti kenname yoo ilaalle;- Investment means expenditure of capital in cash or in kind or in both by an investor to establish a new enterprise, or to acquire, in whole or in part, or to expand or upgrade an existing enterprisejechuun ibseera. Sadarkaa MNOtti labsiin Investimentii lakk.138/2000 bahee hojii irra jiru investamantiidhaaf hiikkoo hin kennine.
  • 7. Haa tau malee, labsii kana raawwachiisuuf dambiin bahe hiikkoo armaan gadii kenneera. Investimentii jechuun baasii kaappitaalaa maallaqaan ykn gosaan ykn lamaaninuu pirojektii hojii haaraa tokko gaggeessuuf ykn kan jiru babalisuuf ykn ol guddisuuf investaraan taasifamu akka tae ni kaaa.
  • 8. Bifuma wal-fakkaatuun, dambichi jecha Kaappitaala jedhuuf hiikkoo kenneera. Buuura kanaan, Kaappitaala jechuun:- maallaqa biyya keessaa ykn maallaqa biyya alaa, sanada daddarbaa, meeshaalee oomishaa ykn meeshaalee tajaajilaaf oolu, gamoo, baajata hojii adeemsiftuu, mirga qabeenyaa, mirga kalaqaa ykn qabeenya daldalaa biroo hammachuu dandaa.
  • 9. Gosoota Invastimentii Madda kaappitaala irratti hundaauun invastimentiin bakka lamatti qoodama. Kunis, 1. Invastimentii kallatiin biyya alaa (foreign direct investment) fi 2. Invastimentii biyya keessaa (domestic investment)
  • 10. Invastimentii kallatiin biyya alaa (foreign direct investment) Fayidaa Invastimentiin kallatii biyya alaa :- guddina diinagdee ni ariifachiisa, qabeenyi uumama biyyattii sirnaan akka hojii irra oolu ni taasisa, oomishtummaa dabaluudhaan gabaa biyya keessaa ni babalisa, sharafa biyya alaa argamsiisuu fi carraa hojii uumuu, beekumsaa tekinoloojii ammayyaa dabarsuu keessatti iddoo guddaa qaba.
  • 11. Invastimentii biyya keessaa (Domestic Investment) Faayidaa invastimentii biyya keessaa; Kaappitaala ykn buaa argamu invastarootni biyya alaa gara biyya isaanii fudhatanii deemuu dandaan hambisuuf ykn hirisuuf gaee guddaa taphachuun kaappitaalli ykn buaan argame faayidaa biyyaatiif akka oolu ni taasisa.
  • 12. Seenaa dhufaatii Invastimentii Itiyoophiyaatti Bara Mootummaa H/Sillaasee invastimentii dhuunfaa jajjabeessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa kan fudhataman yammuu tau, isaan keessaas seerotni invastimentii, invastaroota dhuunfaa jajjabeessan akka qophaaan taee ture. Seerota kana keessaa labsii lakk 242/1958 akka fakkeenyaatti tuquun ni dandaama.
  • 13. Kaayyoowwan invastimentii ilaalchisee labsii kana keessatti tumaman keessaa inni guddaan kaappitaala biyyoolessa uumuu fi invastaroota biyya alaa harkisuu dha. Buuura labsii kanaatiin abbootiin qabeenyaa hundumtuu gosa invastimentii kamiyyuu irratti bobbauu ni dandau. Gosti invastimentii abbootiin qabeenyaa akka irratti hin hirmaanne daangeffame hin jiru.
  • 14. Taaksii biyya keessaa fi alaa irra bilisa tauu dabalatee onnachiiftuuwwan gaarii taan adda addaa labsii kana keessatti kan tumaman yammuu tau, abbootiin qabeenyaa biyya alaa lafa invastimentii argachuudhaaf mirga qabu turan. Invastarootni dhunfaadhaan hojii invastimentii irratti bobbaan yoo jiraatanillee irra caalaan isaanii invastaroota biyya alaa turani.
  • 15. Invasstarotni dhuunfaa biyya keessaa gaheen isaan invastimentii keessatti qaban gadi-aanaa akka tau sababootni adda addaa kan jiran yammuu tau, aadaa hojii mataa ofii uumanii hojjachuu dhabuunii fi hanqinni kaappitaalaa isaan gurguddoo dha. Kun immoo karaa biraatiin invastimentiin biyyattitti gaggeeffamaa ture madda maallaqaa biyyoota alaa irratti kan hundaae akka tau taasisaa tureera.
  • 16. Bara Mootummaa Dargii Sochiin invastimentii jajjabeessu dudduubatti yeroo itti deebie ture. Keessumattuu, invastimentii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin jalqabamanii turan sababa jijjiirama siyaasaa fi diinagdee biyyatiitti gaggeeffameen akka buuuran rinciccee hafu yeroo itti taasisame dha. Mootummaan dargii ilaalcha siyaasaa sooshaalizimii biyyattiitti akka diriiru taasisuun gaee lammiiwwan biyyatti dhuunfadhaan guddina diinagdee biyyattii keessatti taasisan akka laafuu fi duubatti deebiu taasiseera.
  • 17. Guddinni diinagdee fi siyaasa biyyatti qajeeltoowwan yaada buuuraa sooshaalizimii qofaan akka gaggeeffamu waan taeef, dhaabbileen dhuunfaa gara qabeenya mootummaatti akka jijjiiraman taasiseera. Fooyyaiinsi diinagdee gabaa bilisaa hanga tokko bara dhuma mootummaa dargii kan taasisame yammuu tau, gatii fi gabaan oomishaalee qonnaa haala bilisa taeen akka gaggeeffamu taee ture.
  • 18. Kufaatii mootummaa dargii booda gaheen mootummaan diinagdee keessatti qabu dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo irratti kan xiyyeeffatee fi gaheen abbootii qabeenyaa dhunfaa guddina diinagdee biyyatti keessatti qaban akka babalatu haallawwan mijaaaan yeroo itti uumamani dha. Haaluma Kanaan, imaamata diinagdee biyyattii irratti akkuma ibsametti gaeen mootummaan diinagdee keessatti qabu kanneen armaan gadii tauu ni kaaa.
  • 19. Guddina diinagdee biyyatti ariifachiisuu fi hawaasa biyyattiis itti fayyadamaa taasisuuf kallittiwwan guddinaa kaauu; Seektaroota Mootummaan yoo gaggeeffaman caalmaatti buaa buusanii fi kaappittala dhuunfaatiin kanneen hin gaggeeffamne qofa irratti hirmaachuu; Hojii gabaa tasgabeessuu raawwachuu;
  • 20. Kaappittalli dhuunfaan akka cimu haala mijeessuu; Uummatni biyyatti wal-taiinsaan sochii diinagdee keessatti akka hirmaatu taasisuu; Kaappitaalli biyya keessaas tae biyya alaa daangaa malee diinagdee biyyattii keessatti akka sochou haala mijeessuu; Sirna hojii walxaxaa dhabamsiisuun kanaafis seeroota haaraa baasuu fi kan jiran fooyyessuu;
  • 21. Kaappitaala dhuunfaa keessatti kaappitaalli biyya keessaa haala dursa itti argatu uumuun sirna onnachachiiftuu adda addaa diriirsuu; Kaappitaalli biyya alaas haala gahumsa qabuun diinagdee keessatti akka sochou taasisuu; Waldaaleen adda addaa dhiibbbaa mootummaa irraa bilisa tauun akka gurmaaan haala mijeessuu fi k.k.f.
  • 22. Seerota Invastimentii Federaalaa Seerotni dhimma invastamantii bulchaan sadarkaa federaalaattis taee sadarkaa naannootti yeroodhaa yerootti fooyyaaa kan turan yoo tau, seerri yeroo ammaa sadarkaa federaalatti hojii irra jiru labsii lakk.1180/2012. kana malees, labsii kana raawwachiisuuf dambiin lakk.474/2012 hojiirra oolee jira.
  • 23. Kayyoo labsichaa Invastimantii keessatti hirmaannaa seektara dhuunfaa dabaluun guddina diinagdee ariifachiisuu; Oomisha biyyaa keessa dabaluun sadarkaa jireenyaa uummataa foyyeessuu; Diinagdee biyyaa sadarkaa addunyaatti dorgamaa gochuun al-ergee dabaluu; Carraa hojii balaa tae uumuu; fi k.k.f.
  • 24. Hiikkoo jechoota keessatti Invastimentii:- jechuun baasii kaappitaalaa maallaqaan ykn gosaan ykn lamaaninuu pirojektii hojii haaraa tokko gaggeessuuf ykn kan jiru babalisuuf ykn ol guddisuuf investaraan taasifamu jechuudha. Kaappitaala:- jechuun maallaqa biyya keessaa ykn maallaqa biyya alaa, sanada daddarbaa, meeshaalee oomishaa ykn meeshaalee tajaajilaaf oolu, gamoo, baajata hojii adeemsiftuu, mirga qabeenyaa, mirga kalaqaa ykn qabeenya daldalaa biroo kan hammatu jechuudha.
  • 25. Investara jechuun investara biyya keessaa ykn biyya alaa kan hojii Investimentii irratti bobbae jechuudha. Investara biyya keessaa:- Lammii Itiyoophiyaa Dhaabbata Itiyoophiyaa keessatti hundeeffamee fi guutumaa guututti kan abbaa qabeenyummaan isaa kan lammii Itiyoophiyaa tae, Mootummaa
  • 26. Dhabbilee misooma mootummaa Waldaalee hojii gamtaa buuura seera rogummaa qabuutiin hundeeffamaan Lammii ykn Dhaabbata biyya ormaa taee, buuura seera rogummaa qabu ykn waliigaltee Idil-Adunyaa biyyi keenya raggaasifteetiin akka investara biyya keessatti kan lakkaaamu.
  • 27. Investara biyya Alaa:- Lammii biyya alaa Dhaabbata lammiin biyya alaa qooda keessaa qabu Dhaabbata biyya biraatti hundeeffame Lammii Itiyoophiyaa taee dhaabbidhaan biyya alaa kan jiraatu fi fedhii isaatiin akka investara biyya alaatti lakkaaamuu kan barbaadu
  • 28. Daangaa raawwatiinsaa Labsichi hojiilee invastimantii biyya keessatti adeemsifamu kamiyyuu irratti raawwatiinsa ni qabaata. Haa tau malee, invastimantii hojii barbaacha, qorannoo fi oomisha albuudotaa fi bobaaa ilaachisee labsichi raawwatiinsa hin qabu.
  • 29. Qaamolee Bulchiinsa Invastimantii Qaamoleen Bulchiinsi Investimentii Federaalaa kanneen armaan gadiiti:- Boordii Investimentii; Komishinii Investimentii; Gumii bulchiinsa Investimentii mootummaa Federaalaa fi Naannolee fi Qaamolee bulchiinsa Investimentii sadarkaa Naannoleetti hundeeffamaan;
  • 30. Aangoo Bulchiinsa Komishinii Investimentii Federaalaa Komishinii Investimentii Federaalaa invastimantoota armaan gadii irraatti aangoo ni qabaata(kwt.4). Isaanis Investimantii;- Abbaan qabeenyummaa isaa guutumaa guututti kan lammii biyya alaa tae; Abbaan qabeenyummaa isaa kan lammii biyya keessaa fi biyya alaa tae; Kan abbaan qabeenyummaa isaa lammii biyya alaa taee garuu immoo seera rogummaa qabu akka investimantii biyya keessatti lakkaaamu; Investimantii biyya keessaa kan onnachiiftuu qabu taee, eyyama daldalaa qaama federaalaa irraa argachuu qabu;
  • 31. Gama biraatiin, hojiiwwaan invastimantii:- daandii qilleensaa, humna ibsaa fi tajaajila kominikeeshiniin wal-qabataan irratti aangoo bulchuu kan qaban; abbaa taayitaa Aveeshinii Itiyoophiyaa, abbaa tayitaa Inarjii fi abbaa tayitaa kominikeeshinii Itiyoophiyaati. Qamoleen bulchiinsa invastimantii naannolee dhimmoota armaan olitti ibsamaniin ala kan jiran irratti aangoo kan qaban tauu tumameera (kwt.4/4).
  • 32. Gosoota Dhaabbilee Daldalaa Investimantii Keessatti Hirmaachuu Dandaaan. Qaamoleen armaan gadii invastimantii keessatti hirmaachuu kan dandaaan tauu labsichi kwt.8 jalatti tumameera. Daldalaa nama dhuunfaa Dhabbilee daldalaa biyya keessatti ykn biyya alaatti hundeefamaan Dhaabbilee misooma mootummaa Waldaalee hojii gamtaa
  • 33. Hayyama Investimentii Yeroof Dhoorkuu Ykn Haquu Sababoota hayyama Investimentii yeroof dhoorkisiisuu dandaan:- Odeeffannoo sirrii tae yeroon gabaasuu dhabu ykn tae jedhee itti yaaduun ykn dagannoodhaan odeeffannoo dogoggoraa kennuu; Hayyamni investimentii waliin dhahuun ykn odeeffannoo sobaa dhiyeessuun akka kennamuuf ykn akka haaromsiifamuuf gochuu; Hayyama investimentii kayyoo kennameef ala fayyadamuu; Projektii Investimentii yeroo seeraan taae keessatti xumuruu dhabuu; fi kkf. Dhoorkiin haala Kanaan kenname investarichi hanqinaalee kanneen akka sirreeffatuuf yeroon turtii wagga 1 kennamuufii qaba.
  • 34. Gama biraatiin, hayyamni investimantii kan haqamu;- Hanqinoota mudataan yeroo dhoorkaan kennameef keessatti kan hin sirreeffanne yoo tae; Investarichi yeroo seeraan taee keessatti hojii kan hin eegalle yoo tae; Hojii invastimantii fedhii isaatiin kan dhiise yoo tae; Onnachiiftuwwan investimantii kennamaniif haala hin malleen kan itti fayyadame ykn garee sadaffaadhaaf kan dabarse yoo tae,
  • 35. Qaamolee Bulchiinsa Investimentii Bulchiinsi Investimentii Naannoo Oromiyaa gurmaaina armaan gadii ni qabaata: 1) Boordii Investimentii; 2) Komishinii; 3) Koree Investimentii Godinaa; 4) Koree Investimentii Magaalaa 5) Koree Investimentii Aanaa;
  • 36. Hojiin pirojeektii investimentii naannicha keessatti gaggeeffamu; bifa nama dhuunfaan Waldaa daldalaa; Waldaa Hojii Gamtaa; Dhaabbata Misoomaa Mootummaa; Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa gara investimentiitti ceeen
  • 37. Sirna Komiin Tajaajila Investimantii Ittiin Keessummeeffamu Abbaan qabeenyaa kamiyyuu hojii investimantii isaa waliin wal- qabatee komii yoo qabaate qaama aangoo qabuuf iyyata isaa dhiyeeffachuuf mirga ni qaba. Namni kamiyyuu murtii dhumaa bulchiinsaa komishiinii investimantiitiin kenname irratti komii qabu iyyannoo isaa Boordii Investimantiitiif dhiyeessuuf mirga ni qaba.
  • 38. Hojii invastimantiitiin wal-qabatee, abbaan qabeenyaa murtii dhumaa qaama raawwachiistuu mootummaa federaalaa kamiiniyyuu kenname irratti komii yoo qabaate, iyyannoo isaa Komishiinii Invastimantii Federaalatiif dhiyeessuu ni dandaa. Buuura komii dhiyaateetiin komishiinii invastimantii Federaalaa qaama mootummaa komiin irratti dhiyaate waliin marii barbaachisaa gochuun furmaata kennuufii kan qabu tauu ni kaaa. (kwt. 27/4/)/.
  • 39. Yaada furmaataa komishiinichi dhiyeessetti kan hin quufne yoo tae ykn qaamni raawwachiistuun komiin irratti dhiyaate yaada furmaataa komishiinichaan dhiyaateef kan hin fudhanne yoo tae komii isaa Boordii Investimantii Federaalatitti dhiyeeffachuu ni dandaa. Qaamni mootummaa Federalaa kamiyyuu murti Boordichaan kenname fudhatee akkaataa murtiitiin raawwachuuf dirqama qaba.(kwt.27/9/)
  • 40. Sirna Wal-dhabdeen Investimantii ittiin Hiikkaamuu fi Aangoo Mana Murtii Qaama aangoo abbaa seerummaa qabu biratti dhiyaachuun mirga haqa argachuu kan qabu tauu akkuma eegametti taee, hojii investimantiitiin wal-qabatee wal- dhabdeen investaraa fi mootummaa gidduu kau kamiyyuu marii fi wal-tainsaan kan hiikkatu taa.(kewt.28/1) Mootummaan federaalaa wal-dhabdee investimantii biyyaa alaa waliin wal-qabatu ilaalchisee jaarsummaadhaan(arbitration) akka ilaalaamu waliigaltee raawwachuu ni dandaa. Investarri biyya alaa dhimma isaa gara MM aangoo qabu ykn gara jaarsummaa(arbitration) yoo fudhate, filannoon isaa kan jalqabaa kan dhumaa taa.
  • 41. Oromiyaa Keessatti Sirna Wal-dhabdeen Invastimentii Ittiin Hiikkamu Invastaroota biyya keessaas tae biyya alaa Itoophiyaatti hojii invastimentii irratti bobbaan keessaa gaeen naannichaa olaanaa dha. Carraa invastimentii naannichatti argamuu fi hirmaannaa balaa invastarootni naannichatti taasisanuun wal-qabatee wal-dhabiiinsi invastimentii abbootii qabeenyaa fi koomishinii invastimentii naannichaa, akkasumas koreewwan invastimentii sadarkaan jiran jidduutti ni uumama.
  • 42. Koomishinii Invastimentii naannichaa fi abbootii qabeenyaa jidduutti waldhabiinsi adda addaa yeroo hedduu ni uumamu Wal-dhabiinsa kanaaf akka kaumsaatti sababootni taaan:- yeroo walii-galame keessatti hojii jalqabuu dhiisuu, kaayyoo pirojektii investimentii hayyamameen ala hojjachuunii fi lafa invastimentiidhaaf kenname seeraan ala qaama biraatti dabarsuun isaan gurguddoo dha.
  • 43. Invastarootaa fi hawaasa naannoo jidduuttis darbee darbee wal- dhabiinsi kan uumamu dandaa. Wal dhabiinsa kanaaf akka sababaatti kanneen tuqaman keessaa lafa invastimentiidhaaf akka oolu qaama dhimmi ilaaluun murtaae namootni laficha irra jiraatan sababoota adda addaa tuquun gadi lakkisuu diduu fi gochaalee yakkaa adda addaa invastarootaa fi qabeenya isaanii irratti rawwachuu dha.
  • 44. Abbootiin qabeenyaa waliin tauun hojii invastimentii irratti bobbaan jidduuttis waldhabiinsi darbee darbee ni uumama. Waldhabiinsa kanaafis akka sababaatti kan tuqamu abbootiin qabeenyaa biyya keessaa hojii invastimentiif lafa erga fudhatanii booda abbootii qabeenyaa biyya alaa waliin hojjachuuf walii-galuun, porojektichi osoo hojii hin jalqabin qooda isaanii fudhachuun bahuuf gaaffiin dhiyeessan abbootii qabeenyaa isaan kaaniin fudhatama dhabuun isa tokko dha.
  • 45. Waldhabiinsa invastimeenti ilaalchisee kau hiikuuf tooftaaleen adda addaa kan jiran yammuu tau abbootii qabeenyaa fi koomishinicha jidduutti wal dhabiinsa uumame yoo tae waliigaltee taasisame buuura godhachuun marii taasisuun waldhabiinsa uumame hiikuun fiannoo jalqabaati. Marii gaggeeffamuun kan walii hin galle yoo taee qaamoolee bulchiinsa invastimentii naannichaa sadarkaa sadarkaa jiraniin furmaatni kan kennamu taa.
  • 46. Wal-dhabdee dhimma investimantiin wal-qabatee dhiyaatu irratti murtii dhumaa kennuuf aangoo kan qabu Boordiin invastimentii naannichaa tauu labsii lakk.138/2000 kewt.6(5) jalatti tumameera. Gama biraatiin, buuura Dambii Bulchiinsa Investimentii Lakk. 208/2012 kewt. 59(1) tiin namni diigamiinsa ykn addaan citiinsa waliigaltee investimentiin ykn haqamuu hayyama investimentiin walqabatee murtii Boordiin kenne irratti dogongoorri buuura seeraa raawwatame jedhu iyyata isaa Dhaddacha Ijibbaataa MMWO dhiyeeffachuu ni dandaa.
  • 47. Dhimma Jal-murtii dhimma galmee lakk.15544 tae irratti MMO Godina Gujiitiin kenname tokko irratti himataan himatamtoota Waajjira Bulchiinsa, Waajjira Bulchiinsa Fi Itti Fayyadama Lafaa fi Waajjira Investimentii Aanaa fi namoota dhuunfaa biro saddeeta taan irratti bakka tokkotti himannaa dhiyeesseen himatamtoonni 1ffaa hanga 3ffaa jiran afferraa investimantii naaf taasisaniin lafa heektaara 54 tae kaazinaa mootummaa keessa jiru naaf hayyamamuun lakk.kaartaa 027230 tae naaf kennameera. Himatamtoonni 1ffaa hanga 3ffaa jiran hayyamni investimentii murtaaee hanga deebiuu waggaa afur waan turuu dandauuf karaa km 14 hojjachiisii, Ciraa lafaa cirii buna dhaabii, akkasumas manaa fi waajjira adda addaa jalqabi jechuun waan naaf hayyamanii anis buuuruma kanaan qarshii 2,811,00.00 ergan itti baasee booda, himatamtoonni kun waggaa lamaan booda seeraan ala kennamee jechuun na jalaa waan haqaniif ragaan haqame sirri miti jedhamee bakka jalqabaatti akka deebiuu jechuun gaafateera.
  • 48. Himatamtoonni mormii sadarkaa duraa dhiyeessaniin komiin fi falmiin investimentii ilaalchisee kau Boordii Investimentiin ilaallamee murtiin kennamu kan dhumaa akka tau tumamee waan jiruuf, himataan caasaa mootummaan diriirseen komii isaa dhiheeffachuu osoo qabuu qaama dhimmicha irratti aangoo hin qabnee Mana Murtii Idileetiif dhiheessuun isaa sirri miti jedhaniiru. Manni Murtichaa xiinxala isaa keessatti himataan lafa bunaa investimentiif ooluu akka kennamuuf Deeskii Investimentii Aanaaf dhiyeessee, Deeskiin kuniis gaaffii investimentii isaa koree Investimentii Aannichaaf dhiyeessee lafti heektaara 52 kan qophaaeef waan taeef qaamni dhimmi ilaalu murtii akka itti kennuuf akka ergamuuf waliigalanii, himatamaan 1ffaa gaaffii investimentii himataan dhiyeessee Waajjira Investimentii Godiniif erganii adeemsa irra kan jiru fi gaaffiin investimentii himataa boordii investimentiif dhiyaatee kan hin murtaaiin akkasumaas himataan waliigaltee investimentiis kan hin mallatteessinee waan taeef seerummaan himataan gaafatee diigamiinsa waliigaltee investimentiin waliin kan wal-qabatuu miti jechuun mormii sadarkaa duraa kae kufaa godheera.
  • 49. Dhimma Dhimmi kun DH.IJ. MMWF galmee lakk.92991 taerratti ilaalamee murtii kan argate yoo tau, kauumsi dhimmichaa himata iyyataan MMO Godina Arsiitti dhiyeeesseen qabiyyee lafa investimantii liiziidhaan argatee biqiltuu adda addaa irratti misoomsaa ture akka gadi dhiisu koreen investimantii Godina Arsii waan taasiseef tarkaanfii bulchiinsi goodinachaa fudhate seeran ala jechuun himata kallatti mana murti olaanaatiif dhiyeesseera. Himannaan haala kanaan dhiyaate irratti MMO Gidana Arsii dhimmichi dhimma investimantii waan taeef angoo koree investimantii sadarkaa jiruuti malee manni murtii aangoo ofitti fudhee ilaaluu hin qabu jechuun himannaa dhiyaate kufaa godheera.
  • 50. Himataan murtii kana komachuun MMWO tiif kan dhiyeesse yoo tau, manni mirtichaa murtii mana murtii jalaa cimseera.Haala walfakaatuun iyyata isaa MMWO Dhaddacha Ijibbaataf kan dhiyeesse yoo tau murtiin manneen murti jalaa akka cimu taeera. Dhuma irratti iyyatichi MMWF Dhaddacha Ijibbaatatiif kan dhiyeesse yoo tau, manni murtichaa labsii investimantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa yeroo sana hojii irra ture labsii lakk.115/1998 buuurefachuun labsichi kewt.9(4) jalatti dhimma investimantii ilaalchisee komii dhiyaatu irratti beenyaan natti xiqqaate ykn naaf hin kennamne, ykn dogoggorri buuura seeraa raawwatameera kan jedhu yoo tae malee, murti dhumaa kennuuf aangoo kan qabu boordii investimantii ti jechuun murtii MM jalaa kennaan cimseera.
  • 51. Wal-dhabiinsa Invastimentii Wal-qabatee Kauu Fi Gaee Qaamolee Haqaa Gahee Manneen Murtii Akkuma beekamu Manneen murtii qaamolee mootummaa keessaa qaama seera hiikuuf aangoo qabani dha. HMRDFI kewt. 79(1) fi HMNO fooyyaee bahe Lakk 46(1994) keewwata 63(1) jalatti qaamni aangoo abbaa seerummaa qabu manneen murtii qofa tauu isaa ibsamee jira.
  • 52. Manneen Murtiis aangoo abbaa seerummaa heera mootummaatiin keennameef irratti hundaauun waldhabiinsa gara isaaniitti dhiyaatu seeraa fi seera qofa irratti hundaauun loogii tokko malee murtii haqa qabeessa akka kennan kan hundeeffamanii dha. Aangoo fi dirqama Manneen murtii qaban kana irraa kauun invastimentii jajjabeessuu keessatti gaheen isaan qaban olaanadha.
  • 53. Wal-dhabdeewwan invastimentiin waliin wal-qabatee uumaman tooftaalee adda addatiin furmaata kan argatan yammu tau, kanneen keessaas dhimmichi karaa Manneen Murtiitiin furmaata akka argatan taasisuun isa tokko dha. Labsii lakk 138/2000 keewwata 6(5) jalatti akkaataa tumameen dogoggora seeraa buuuraa yoo tae malee dhimma invastimentii ilaalchisee Murtii dhumaa kennuuf aangoo kan qabu Boordii Invastimentii naannichaa ti.
  • 54. Haa tau malee, qabatamaadhaan akka jirutti darbee darbee Manneen Murtii tokko tokko wal dhabiinsa invastimentii ilaalchisee isaanitti dhiyaatu kan keessumeessan yammuu tau, Manneen Murtii tokko tokko immoo dhimmichi aangoo Manneen Murtii miti jechuun haalli isaan itti deebisan ni mulata. Dhimmoota invastimentii Manneen Murtiin ilaalaman akka fakkeenyaatti kanneen armaan gadii tuquun ni dandaama.
  • 55. Lakk. Galmee 53628n falmii siviilii Innat Agroo Industrii fi Koomishinii Invastimentii Oromiyaa jidduutti kaeen himataan (Innat AgrooIndustrii) himatamaan (Koomishinii Invastimentii Oromiyaa) lafa invastimentiidhaaf kenname heektaara 200 keessaa hektaara 100 seeraan ala narraa fudhate jechuun himata MMO godina Shawaa Bahaatti dhiyeesse MMWOtiis oliyyannoodhaan ofitti fuudhee ilaalee murti kenneera.
  • 56. Haaluma wal-fakkatuun, lakk Galmee 14574n Barah Hullagaabbi Gibirinnaa Limaat fi Koomishinii Invastimentii Oromiyaa jidduutti falmii Siviilii kaeen himataan (Barah Hallagabbi Gibiriinnaa Limaat) himatamaan (K/I/O) lafa invastimentiif naaf kenname seeraan ala akkan gadilakkisu naa taasise jechuun Mana Murtii aanaa Barahitti himata dhiyeessee M/M/Olaanaa GodinaSh/Kaabaa oliyyannoon ilaalee murtii kenneera.
  • 57. Gama biraatiin lakk Galmee 13989n falmii siviilii Dhaabbata Z.H.PLC fi K/I/O jidduutti kaeen, himataan (Dhaabbatni Z.H.PLC), himatamaan (K.I.O) lafa invastimentiif naaf kenne seeraan ala narraa fudhate jechuun Mana Murtii aanaa Aqaaqiitti himata dhiyeessee kan isaaf murtaae yammuu tau himatamaan (Koomishiniin Invastimentii Oromiyaa) dhimmicha oliyyannoodhaan M/M/olaanaatti dhiyeessee Manni Murtichaa doggogora seeraa buuura (error of law) kan qabu yoo tae malee dhimmi invastimentii aangoo Mana Murtii miti jechuun murtii Manni Murtii jalaa kenne diigee jira.
  • 58. Haaluma kanaan murtiiwwan armaan olitti invastimentiin ilaalchisee kennaman irraa hubachuun akka dandaamutti Manneen Murtii biratti ijjennoo wal-fakkaataan kan hin jirre tauu isaa ti. Kanaafuu, Manneen Murtii seerota invastimentii akka biyyaattis tae akka naannoo Oromiyaatti hojii irra jiran hubachuun akkaataa seerota jiraniitiin tajajila haqaa kennuun invastimentii babalisuu keessatti gaee isaanii irraa eegamu bahuu qabu.
  • 59. Gaaffiiwwan Marii Akkaataa Labsii Lakk 138/2000 keewwata 6(5) jalatti tumameen dhiimma invastimentii ilaalchisee koomoshinii Invastimentii Naannoo Oromiyaa fi qaamolee sochii invastimentii keessatti gaee qabaniin murtii kennamu irratti oliyyannoon kan dhiyatu yoo tae murtiin Boordii invastimentii naannichaa kennu murti dhumaa taa. Kana jechuun dhimmi invastimentii gonkumaa Mana Murtiitti hindhiyaatu jechuu dha?